Uumaan kuni Gabbaramaa (Gooftaa) Qabaa?


Uumaan Kanaaf Gabbaramaan (Gooftaan) Jiraa?

Anaa fi ati mee imala qorannaa haqaa haagoonuu, (Sila Rabbiin jiraa?)

Qorannaan kun jiruu kankee keessatti isa barbaachisaa akka ta’e hubadha.

Imalli kun ilama bareedaa jiruu ilma namaa keessatti qooda guddaa qabuu dha. Uumaa argama bareedaa kana, kan gar-malee bareedu kana yeroo tokko miira keenya gadi fageenyaan waa’ee uumama kanaa haahubannu, ammas sammuu keenya qorannaa kanaan haabashannansiisnu. Qalbii keenyas haadammaqsinuu uumama guddaa kana haadinqisiifannuu! Meeshaan  ragaa keenyaa guddaan miira keenya, kan haqa waan tokkoo ittiin hubachuu (xiinxalluu) dandeenyu, Sammuu keenyaan yaannee haqa jiru hubachuu, Onnee dhugaatiin ragaa bahuu.

 Namni tokko dandeettii isaatii ol haqa jirtu irra gahuudhaaf hin dirqisiifamu, ammas karaan qorannoo isaa karaa salphaa kan tahe, kan namuu irra gahuu danda’uu dha. Ilmi namaa cuftuu dhugaa kana irra gahuudhaaf haqa qaba. Namuu sadarkaa isaatiin osoo beekkomsa gahaallee hin qabaanneetii, akkasumas osoo beekkomsi namiiyyuu garaagarummaa seelii qaamni ilma namaa irraa uumamuu  fi wantoota seeliin irraa uumame (newtroni) gonkumaayyuu hin beekne taatee, akkasumas jijjiirama anniisaallee waan hin beekne taatee, ammallee osoo nama beekkomsa hawaa fi tiyoorii hawaallee  hin beekne taatee,  namni kamiiyyuu dhugaa uumamaa kana karaa salphaan hubatuu dandaha.

 Qorannoon keenya kan xiyyeeffatu dhugaa jiru kan qaama miiraa keenyaan hubannuu dha:

  1.  Waa’ee ilma namaa (akkaataa uumama ilma namaa)
  2. Uumama naannoo keenya jiran

Dhugaawwan kunniin qaama miiraa keenyaan waan halkanii guyyaa arginu (hubannuu) dha. Beekkomsa guddaa hin barbaachisu, qo’annaa (xiinxallii) gadi fageenyaa hin gaafatu, meeshaa ammayyaa ciccimaa (walxaxaa) hin gaafatu,…

Mee imala keenya kan haqa barbaaduu boofata keenya kan jelqabaa irraa haa’eegallu:

. Dhugaawwan nabsee (uumama keenyaa);

Mee nawajjiin yeroo tokko haahubannuu waa’ee dhugaalee jiruu tanaa fi faallaa isii jiruu fi duuti addunyaa kana keessatti raawwatamu yeroo yeroon waan agarru. Qaama miira sammuu keenyaatiin waan hubachuu dandeenyu-kanumaan wajjiin- waan dinqii (raajii) hanga ammaa ilmi namaa baasa itti ta’e! Icciitiin du’aa fi jiruu kun waan dandeettii ilma namaatii oliiti, raawwatiinsi du’aa fi jiruu dandeettii khaaliqaati. Ilmi namaa hanga ammaatti icciitii (dhugaa) du’aa fi jiruu beekee hin jiru; garuu, jiruu keessatti akka du’aa fi jiruun jiran waan agarruu dha.

Mee gaafii kana ufhaagaafannuu:

Ati uumamte, eenyutu dhabama irraa uumama kana siif uumee?

Uumama haaraya kana eenyutu , kan akka dhagaa mukaa, biqiltuu, …eenyutu uumee?

Jiruu fi duuti garaa garummaa qabu, du’aa fi jiruu  hoo eenyutuu uumee?

Jiruu yeroo yeroon jijjiiramu kana kan uume eenyuu?

Deebiin gaafiiwwan kanneenii, kan wantoota kana cufa uume Rabbii tokkicha qofa!

Warren kanatti hin amannne mee deebii isaanii haabarbaadanii.

Beekaan saayisii tiyoorii gadi-fageenyaan  qoratuudhaan  beekame’ Daaroon akki jedhu : “Jiruun tuni sadarkaa sadarkaan waan argame” jedha. Sadarkaan suni jelqabni isaa Seelii irraay kan argame kan jedhu yoota’u, seelii booda deebii biro kennuu hin dandeenye. Sadarkaan beekkomsa isaa achitti dhaabbate.

 Daaroon jeruun (uumamni) eessaa akka argame, seelii kana kan uume beekuu hin dandeenye. Sammuun ilma namaa uumamaan kan kana argamsiise Rabbii Kaaliqa ta’uu osoo beektu haqa kana bakka isaan malu kaayuu hin dandeenye. Jiruun (uumamni) kun kan argamsiise humna guddaa ta’uu osoo qabu, haqa kana maqsu. Sababni kanaas yeroo sanatti warroonni amantii kiristaanaa wajjiin hariiroo walii galtee waan hin qabneef tasuma yaada isaaniitiin wal-mormuu cimaatu ture. Kanaafuu, Yaanni Daaroon faallaa kanaa ture. Waa’ee uumamni kun kaaliqa qabaachuu irratti ilaalchisee akki jedhu: “Yaanni uumaan kun Humna guddaatu (kaaliqatu)  uume jedhu; Qorannaa makaanikii maashina cimaadhaan waan qoratamuu qabuu dha” jedhee faallaa yaada kanaa deema

Raajii! Mee meeshaa kamtu Khaaliqa qorachuu dandahaa?!!!

Akka yaada Daarooniitti meeshaan humna khaaliqaa qorachuu danda’u kuni khaaliqaan ala ta’uu qaba jechuu dha.!

Waa’een jiruu fi du’aa icciitii namuu karaa kanaan gonkumaa irra hin geenye beekuus hin dandeenye. Daaroon ufii isaatiifuu dirqama sammuun namaa fudhachuu qabdu irraa maqa. Sammuun ilma namaa uumama irratti qabu kan qaama xixiqqaa seelii jedhamu bira kutee eenyutu argamsiiseef sammuun namaa uumamaan dirqamti. Sababni kanaa hoo jedhee sammuu isaa hin gaafatu, ammas wantoota qaama xixiqqaa seelii tahan kanaaf eenyutu lubbuu (jireenya ) itti godhe sammuu isaa hin gaafatu. Haqa ifa jiru kana irraa maqanii fagoo deemuun diddaa ykn mala hamaa ta’uu isaa muldhisa!

Icciitiin jiruu (uumama) kanaa hanga ammaatti gaafii guddaa sammuu isaaniitti ta’ee jira. Eenyullee onnatee kana kan jedhe gonkumaa hin jiru. Dhugaan kanaa Rabbii guddaa uumama kana dhabama irraa argamsiiseetiif gala.

Ilmi namaa jiruun kun karaa adda addaa kanta’e , kan tasuma sanyii bishaan irraa taheen uumame, akkasumas, killee irraa kan uumame, kan gadaamessa keessatti sadarkaa adda addaatiin uumame,… Dnadeettiin ilmaan namaa gonkumaa uumuu hin dandeenyee dha. Osoo ilmaan namaa hundi wa-gargaaraniillee ykn kophaa kophaanillee waan uumuu hin dandeenyeed dha. Hanga har’aattii namni tookos uumuu ykn namtu uume jedhee mormes hin jiru.

Tarii, ilmaan namaa waa malee uumamanii? Ynk Isaantu uf’uumeeree?

Mee namni qorannaa adeemsisu ufhaalaaluu! Gadi fageenyaan matama isaa haahubatu!

Dachee kana keessatti kan hanga uumaa ilma namaa nama dinqisiisu hin jiru! Akkaataan qaamni namaa itti uumame baay’ee raajii dha! Icciitiin qaamni isaa irraa uumame hedduu dinqii dha. Uumamni Ruuhii ilma namaa icciitii Rabbiin qofti beeku! Icciitiin nabsee ilma namaa raajii guddaa dha! Walumaa galatti icciitiin uumamaa cufti dinqii dha.

Ilmi namaa yeroo uumama qaama isaa gadi fageenyaan hubatee yoo laale hedduu waan raajiiti.  Fakkeenyaaf: qaamni isaa cufti hujii adda addaa kan raawwatuu dha. Akkaataan qaamni kunniin hujii isaa ittiin adeemsisu waan dinqiiti! Hujiiwwan kanneen keessaa muraasni kan akka: alanshuu (alanfatuu), xuuxuu, Qilleensa qulqulluu qaama seenuu fi qilleensa gubataa qaama irraa bahu,  naannawa dhiiga namaa kan onnee namaa irraa gara hidda adda addaa keessa dabree onneetti deddeebisu, akkasumas lafeewwan qaamaa kan akka waanta zeytii qabaniitti tasuma osoo dhukkubbiin tokko hin dhagahamini sochii garagaraa dalagu!

Kan nama dinqisiisu qaamni hunduu walhubata! Dhukkubbiin tokko yoo dhagahame qaamni hundi dhaamsa isaa gara malutti dabarsa. Garuu, gaafiin ka’uu qabu : Tarii humni guddaan iiti gaafatamaan eessa laataa?! Akkamitti geggeessaa?!  Arguu dandeenyaa isa kana? Akkamitti qaamni hundi walii awwaatuu dandahaa?

Kan Raajii! Qaamni xixiqqaan seelii jedhamu akkamitti dandeettii wal-horuu fi wal-bakka bu’uu danda’uu? Seeliin takkittiin qaama cufa toohachuu dandeessi, kunis raajii dha. Kan nama ajaa’ibsiisu qaamni xiqqoon tun qaamota gurguddoo abbaa fi haadha, akkasumas akaakayyoota fi firoota adda addaa kan horatanii dha. Kanahoo maaltu taasise laata?

Raajiin biroo! : dhalli namaa sanyii xixiqqoo irraa guddatee haadha garatti wantoota isa barbaachisan horatee kan akka onnee, ruuhii, fa’a godhachuu dhaan ufdanda’ee haadhaan ala gaafa ta’u jiruu isaa barbaaddata. Haalli jijjiirama ilma namaa keessatti raawwatu kunis hedduu waan dinqii sammuu namaa iimaanatti dirqisiisuu dha.

Tokkoon tokkoo dalagaa qaamni namaa raawwatu yoo ilaalle waan dandeettii hubannaa ilma namaatii oliiti.

Cufti qaama namaa uumama gurguddaa ufdanda’ee dha. Uumama aalama kanaa beekuudhaaf kan nama gargaaranii dha. Kan yeroo yeroodhaan tasuma dalagaa isaanii hin dogongorree dha.

Walumaagalatti yeroo tokko gadifageenyaan akkaataa uumaa ilma namaa yoo laalle wantoota raajii sammuu ilma namaa oliiti. Tarii gaafii yoo ufgaafanne: Tarii ilma namaa kana eenyutu dhabama irraa argamsiisee???

Barreessaan yaada kana akkana jedha: “Amma mee gama toora qorannoo lammaffaatti haaceenuu”jedha

Haqa yookaan dhugaa Uumama kanaa…….

Yeroo ilmi namaa ija isaatii fi Qalbii isaatiin gamaa gamana laalu waan dinqii kan dhalli namaa konkuma uumuu hin dandeenye arga. Qaama xixiqqaa irraa jelqabee hanga qaama gurguddaatti yoo laale hundi isaatuu raajii dha! Akkasumas qaama xiqqoo seelii irraa jalqabee hanga uumaa addunyaa kanaatti raajii dha.

Uumamni dinqii kun kan lakkaawanii itti gahuu hin dandeenye, kan qaamni  xiqqaan isaanii qaama guddaa wajjiin waltahuudhaan dalagaa gamtaa raawwatan akkasumas dalagaa kophaa isaanii tasuma osoo hin dogongorre karaa sirrii taheen raawwatan kun hedduu raajii dha. Tasuma qaamoleen kun osoo walhinfaallessin akkasumas dogongara tokkoon ala raawwatuu dha. Walumaagalatti wanti beekuu qabnu uumaan kun cufti tasa waan argamee miti, ykn taphaaf kan uumamee miti, kan gadifageenyaan dandeettee guddaadhaan uumamee dha.

Kanaafuu, gaafiiwwan armaan gadii gaafachuun dirqama sammuu taha:

Wantoota argaman kana cufaaf eenyutu jiruu argamsiiseef?

Uumaa bareeda kana eenyutu kalaqee?

Qaamolee kana dalagaa adda addaa eenyutu akka raawwatu godhee?

Amma immoo waa’ee Dachee haa’ilaalluu mee…..

Pilaaneetiin dachee tun kan jiruuf mijjaawaa taatee wantoota lakkaawanii itti hin geenyeef hammattuu taatee dha. Kan nama dinqisiisu, Dacheen teenya kan argamtu hawaa keessa yoo taatu , kan adda isii godhu jireenyaaf kan mijjooftee dha. Uumama adda addaa hammattee qabatteerti. Gamakaaniin immoo urjiiwwan adda addaatiin bareechifamtee pilaanota moggaa ishii jiraniif bareeda kanaan adda taatee mudhatti. Kan laakkofsi tilmaamaa urjiiwwan naannawa isiitti argaman miiliyoona dhibbaatamaan argamanii dha. Kun raajii dhaa mitii?! Urjiiwwan tunniin dachee teenya tana kan hordofaniidha.

Baay’ina wantoota uumama dachee tana keessa jiran kan laakkofsaan itti gahuu hin dandeenyeen wajjiin Dacheen hammattee qabattee jirti. Kan wantootni Dachee kana keessa jiran hundi amala adda isaan taasisu qabaatuun wajjiin osoo dogongorri tokko tasa argamaee maaltu akka uumamu tilmaamuun ni ulfaata. Osoo dacheen tun tasa tiqqaatee ykn guddattee silaa haalli hammaataan akka aduutti kalaayuu ykn aduurraa fagaatuu uumamuu danda’a , kana taanaan uumamni dachee keessa jiran cufti madaala isaaniif kenname gad-dhiisuum rakkoon guddaan uumamaa ture.Akkasumas osoo tasuma hoo’I aduu dabalee maaltu uumamaa? Osoo Dacheen sarara ishii irraa maqxee ykn saffisni isii dabalee maaltu taha laataa? Osoo Jiini qabiyyeen isaa hir’atee tahee hoo maaltu uumama laataa? Osoo bishaan ykn Qilleensi dachee keessaa humni isaa dabalee hoo ykn hir’atee hoo? Osoo …osoo..osoo……

 Kana hunda kan tooyatu eenyu laataa?

Wantootni kumaatamaan laakawaman uumama kana keessa jiraatan itti gahuu hin dabdeenyu.

Dhugaan kun kan guyyaa hunda  qaama miiraa keenyaan irra gahuu dandeenyuu dha.

Dachee  tana hoo eenyu uumee?

Wantoota amala adda addaa qaban kana kan Dacheen teenya hammattee ufkeessatti qabatte kana hoo eenyutu uumee?

Wantoota lubbu qabeeyyiif hiree isaanii kafaltii malee uumamaan kan argatan uumeef eenyuu?

Mee yeroo tokko uumama Dachee tanaa haa’ilaalluu akkam akka bareeddu! Wantoota Dachee bareechisan keessaa kan akka: Gaarreenii, Laggeen adda addaatiin kan bareeddee dha. Biqiltoota gosa gosaatiin, mukkeen garmalee bareedaan nama hawatan…Masnoowwan adda addaa , haroowwan adda addaatiin hedduu milkooftee jirti.

Ilmaan namaa ganamaa fi galgala ijji isaanii wantoota gar-malee bareedaan nama hubatan kana miira isaaniitiin waan hubataniidha. Kanaafuu, ijaa’iba uumamaa kana kan yeroo yerootti nama hawatu kana ijji namaa yoomillee hin quuftu.

Eenyu kana uumeef laataa?

Ammas yeroo tokko wantoota lubbu-qabeeyyii ta’an haa’ilaalluu mee, kan akka :biqiltootaa, bineensotaa, hallaattiiwwan gargaraa, qurxummiiwwan garagaraa, reppitaayiloota gosagosaa fi raammoowwan adda addaa dachee kana keessa garmalee faca’anii jiraatu.

Lubbu-qabeeyyiin kunniin kan gosa isaanii qofa laakkawuu hin dandeenye, tokko tokkoon lakkawuun hafee kun cuftuu ummata ufdandahe ta’a( uumaa ufdandahe ta’ee jiraata).

Ammas yeroo tokko mee Samii haa’ilaalluu…..

Yeroo tokko mee urjiiwwan samii keesa jiraatan kan bareedumaan gar-malee nama hawatan haa’ilaalluu. Kan bifti isaanii yeroo dhaa yerootti gargar ta’an.  Halkanii fi guyyaa gargar kan ta’an, bahaa fi dhihattis gargar ta’an, kan halkan goobanaa fi halkan dukkanaa gargar ta’an, yeroo samiin qulqulluutii fi yeroo doomessaas gargar ta’an, bira dabree saa’aarraa saa’atti gargar ta’an. Bareenni kun cuftuu sammuu namaa nama hawata.

Ammas baldhinna Hawaa kan ijji waliin gahuu hin dandeenye, kan bareenni isaa garmalee nama dinqisiisu, dhugamaan bareeda haqaati, bareeda kana ibsuudhaaf jechootaan ibsuun gonkuma waan yaadamuu miti. Yeroo baay’ee samii bareeda kana fuuldura keenyatti ija keenyaan kan agarruu dha hangam haga bareeddu ilaallee himuun ni ulfaata. Kanaafuu, gaafiin dirqama nutty ta’u argamiinsa isheeti. Eenyu Samii bareeda kana dhabama irraa argamsiiseree?

Dhuma irratti imala keenya kan qorannoo qaama miiraa keenyaan goone kana waa’ee uumama ilma namaa ilaalchisee hedduu wantoota sammuu namaa nama hawatan hanga tokko ilaallee jirra.

 Kanaafuu, ammas irra deebinee gaafiin dirqama nuttia tahu:

Ilma namaa eenyutu dhabama irraa uumee?

Tarii isaantu Uf’uumeeree laata?

Eenyu mee Kan Samii fi Dachee kan Uume?

Waa’een uumama kanaa namni tokkos natu uume jedhee kan morme gonkumaa hin jiru. Kanaafuu, dhugaan haqaa tanuma Qur’aanni dubbatu sana, Rabbii tokkicha dandeettii qabu kan namuu isa wajjiin yagutoomuu hin dandeenyetu uume. Namni tokkolleen uumaa isaa keessatti kan isa gargaare hin jiru. Kanaafuu, isa qofaatu gabbartii haqa godhata.

Rabbuma qofatu uume,  uumaan kun cuftuu ragaa cimaa Rabbi qofti kan gabbaramu ta’uu garsiisa. Dubbiin kun hunduu Qur’aana kabajamaa Rabbii keessatti haalaan dubbatamanii jiru. Uumaan adda addaa kan kaayoo fi dalagaa adda addaa qaban, kan isaan tooyatu Rabbi qofa ta’uu muldhisa. Hunduu Rabbuma qofaaf masakamu.

Allaahaan..Isa samiidhaa fi Dachee uumee ammas wantoota isaan gidduu jiran cufa uumee dha. Kanaafuu, Khaaliqni kan waan hundaa uume isuma . Jecha isaa bareedaa keessatti akki jedhu…”الله خلق كل شي….” Rabbiin Kaaliqa(uumaa) waan hundumaati..

 

Barreeffama kana kan walitti qabee qindeessee jedhe Shekh Mut’ib Al-Haarisii dha