Ragaalee Ciccimoo kan Guyyaa Kaafamaa


    Ragaalee Qur’aanaa Kan Sammuu ilma namaa wajjiin wal-gitan, waa’ee Guyyaa Herreegaa (Kaafamaa) ilaala. Ragaaleen sanneen keessaa kan waa’ee bifa (amala) Rabbii Khaaliqaa kan ilaalchisuudha:

 

Faaruun Cuftuu Kan Rabbiiti, kan namuu isatti haajamu, ufdandahaa kanta’e, Qulqullaahaa kan hir’inna irraa qulqulluu tahe, Rabbiin ala gabbaramaan tokkolleen akka hin jirre ragaa baana, Isa qofa, Kan yagutoo hin qabne, Kan uumu, kan herreegu.

Muhaammad (Nagahaa fi Rahmanni Isaan irratti haajiraatu) Ergamaa fi Nabiyyii Rabbii akka tahe ragaa baana. Yaa Rabbi Jannata kee sikadhanna, Ibidda irraa nutiksi.

Eerga kana dubbannee booda:

Barruuleen kun barreeffama gabaabaa ragaalee Qur’aanaa kan sammuu ilma namaa wajjiin walgitanii dha. Ragaalee kanneen waa’ee Guyyaa Herreegaa (Guyyaa kaafamaa) kaafamuu kan ilaalchisanii dha, kanneen bifa (amala) Rabbii guddaa dubbatanii dha.

Fakkeenyaaf:

 Rabbiin Guddaan Abbaa Malaa (Tooftaa) ta’uu, Beekaa ta’uu, Mootii ta’uu, Mootummaanis kan Isaa qofa ta’uu, Kan Uumaa hunda uume Isa qofa ta’uu, Kan Madaala waan cufaa Isa qofa ta’uu,…….

Ilaalchi Armaan Olii kan Akeeku Ilma namaa karaa lamaan ilaaluu dandeenya:

1- Nama Rabbitti amaneef iimaana isaa akka sirritti cimsatu isa gargaara

2-Warroota Rabbitu uumama kana argamsiise jedhanii garuu, kan guyyaa kaafamaatti hin amanneef  immoo, akka iimaana horatan isaan gargaara

Rabbiin guddaan ilma namaa qofa kan uumee miti, gosa bineensotaa, gosa biqiltootaa, gosa dhagaa-mukaa cufa kan uumee dha. Ilmi namaa Ragaa sammuutiin gadi fageenyaan yoo ilaale Rabbiin dandeettii isaatiin wantoota kana bara baraan, yeroo yeerotti kan uumuu dha. Rabbiin ilma namaa jalqaba uumuu hin dadhabin , du’as kaasuun isaa salphaadha.

Ragaalee tokko tokko mee haailaallu:

Rabbiin Oltahe Qur’aana Kabajamaa keessatti akki jedhu:

}أَوَلَيْسَ الَّذِي خَلَقَ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ بِقَادِرٍ عَلَى أَنْ يَخْلُقَ مِثْلَهُمْ بَلَى وَهُوَ الْخَلَّاقُ الْعَلِيمُ} [يس: 81]

Hiikkaan Isaa Akka Armaan Gadii kana:

 “Sila Rabbiin Samiiwwanii fi Dachee uumuu hin dadhabin Ilma namaa uumuun isa dhibaa? Rabbiin kan akkaan waa uumu, ammas Rabbiin Beekaa dha” Suuraa Yaasin 81

Rabbiin Oltahe Qur’aana Kabajamaa keessatti akki jedhu:

}مَا خَلْقُكُمْ وَلَا بَعْثُكُمْ إِلَّا كَنَفْسٍ وَاحِدَةٍ إِنَّ اللَّهَ سَمِيعٌ بَصِيرٌ } [لقمان: 28]

Hiikkaan isaa akkana:

“Uumamni keessanii fi Kaafamni keessanis akkuma Lubbuu nama tokkooti, Rabbiin Dhugumaan Dhagahaa fi Argaadha” Suuraa Luqmaan: 28

Kana jechuun ilma namaa uumee kaasuun Rabbii keenyaaf salphaadha jechuu dha.

Rabbiin keenya Dandeettii uumaa isaa irraa gosa lama lama (dhiiraa fi dhalaa godhee ilma namaa uumuu, akkuma sana boneensotas kormaa fi dhalaa uumuu, biqiltootas gosa dhalaa fi kormaa godhee uumuun dandeettii Rabbii guddaa muldhisa. Kana namni sammuudhaan gadi fageenyaan ilaale Rabbiin kana uumuu hin dadhabin eerga du’anii kaasuun isaaf salphaadha. Kaafamni dhugaa tahuu hubanna.

Ammas Rabbiin Keenya Akkana Jedha:

}أَلَمْ يَكُ نُطْفَةً مِنْ مَنِيٍّ يُمْنَى (37) ثُمَّ كَانَ عَلَقَةً فَخَلَقَ فَسَوَّى (38) فَجَعَلَ مِنْهُ الزَّوْجَيْنِ الذَّكَرَ وَالْأُنْثَى (39) أَلَيْسَ ذَلِكَ بِقَادِرٍ عَلَى أَنْ يُحْيِيَ الْمَوْتَى} [القيامة: 37 - 40]

Hiikkaan isaa akkana:

Jalqaba ilmi namaa Maniyyii (Spaarmii walqunnamtii saalaa) hin turree? Booda Maniyyiitii wanta diddiga(wanta akka alanshaa maastikaa) fakkaatu irraa hin uumamnee? Booda sadarkaawwan kanaatii uumaa guutuu godhee Rabbiin ilma namaa uume.. gosa lama (dhiiraa fi dhalaa) godhee  uume. Rabbiin kana uumuu hin dadhabin du’aa jiraachisuu dadhabaa?”

Namni dandeettii Rabbiin waa cufa uumuutti  amanee mirkaneesse; Rabbiin akka waan uume kana cufa ajjeesee akka kaasu salphaa tahuu ni amanu. Ammas Rabbiin waan jalqabatti dhabama irraa argamsiise cufa dhabamsiisee kaasuun isaa salphaadha.

Rabbiin Oltahe akkana Jedha:

}وَهُوَ الَّذِي يَبْدَأُ الْخَلْقَ ثُمَّ يُعِيدُهُ وَهُوَ أَهْوَنُ عَلَيْهِ} [الروم: 27]

Hiikkaan kanaa:

 “ Inni (Rabbiin) Kan jalqabatti dhabama irraa argamsiisee(uumee), booda kanaas dhabamsiisee kaasuu dha, lammaffaa deebisee kaasuun Rabbiif hedduu irra salphaadha” Suuraa Ruum:27

Rabbiin jalqaba uumuun kan isa hin dadhabsiifne ajjeesee kaasuun isaa salphaa dha.

Madaala Sammuutiinis yoo xiinxallinee laalle; Namni waan guddaa uumuun isa hin dhibne, waan xixiqqoo uumuun isa hin dhibu. Rabbiin Oltahe, Kan Samiiwwanii fi Dachee garmalee ciccimoo tahan uumuun isa hin dhibin ilmaan namaa kan humnaan (ciminaan) Samii fi Dacheen wal hinginne uumuun isaa salphaadha.

Rabbiin Oltahe Qur’aana keessatti akkana jedha:

}لَخَلْقُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ أَكْبَرُ مِنْ خَلْقِ النَّاسِ وَلَكِنَّ أَكْثَرَ النَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ (57) وَمَا يَسْتَوِي الْأَعْمَى وَالْبَصِيرُ وَالَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ وَلَا الْمُسِيءُ قَلِيلًا مَا تَتَذَكَّرُونَ (58) إِنَّ السَّاعَةَ لَآتِيَةٌ لَا رَيْبَ فِيهَا وَلَكِنَّ أَكْثَرَ النَّاسِ لَا يُؤْمِنُونَ } [غافر: 56 - 59]

Hiikkaan isaa akkana :

“Dhugamaan Uumaan Samiiwwanii fi Dachee; Uumaa ilmaan namaatii olguddaa dha, garuu; irra hedduun namaa waan kana hin beekan. Namni ijaan arguu fi Kan jaamaa(kan ijaan hin argine) walqixa hin tahu. Ammas namni Rabbitti amanee toltuu dalage; nama hammeenya dalagu wajjiin walqixa hin tahu. Tarii xiqqoma hin hubattanii?!dhugamaan Guyyaan kaafamaa(Qiyaamaa) dhufuuf jira, dhufuu isaatiif mamaan (shakkiin ) tokkolleen hin jiru,garuu; irra hedduun ilmaan namaa kana amananii hin jiran”Suuraa Gaafir 56-59

Haalli uumamaa (wantoonni uumaman) yeroo yeroo dhaan haalli isaanii jijjiirama, akkuma yeroo hirribaa fi dammaqinaatti haalli isaanii (uumamni isaanii ) jijjiirama. Jijjiiramni uumamaa kun haalli isaa kan laafinaa fi jabinaa, jijjiirama du’aa fi jiruu kan kana fakkaatanii dha. Jijjiiramni uumamaa kun fakkeenyi isaa akka garaa garummaa Ji’aa fi Urjiiwwanii, ammas akka garaa garummaa Aduu fi  Bakkalchaa, ammas akka garaa garummaa Bahaa fi Dhihaati. Kanaafuu, dandeettiin Rabbii guddaa kan haala jijjiirama uumamaa kana haala dinqii tahe kanaan akkanatti jijjiiru, jiruu addunyaa irraa jiruu aakira’atti isaan kaasuun salphaadha. Yaanni kun sammuudhaan kan karaa salphaa taheen irra gahanii dha.

Rabbiin Guddaan Qur’aana keessatti akkana jedha:

- }إِذَا السَّمَاءُ انْشَقَّتْ (1) وَأَذِنَتْ لِرَبِّهَا وَحُقَّتْ (2) وَإِذَا الْأَرْضُ مُدَّتْ (3) وَأَلْقَتْ مَا فِيهَا وَتَخَلَّتْ (4) وَأَذِنَتْ لِرَبِّهَا وَحُقَّتْ (5) يَا أَيُّهَا الْإِنْسَانُ إِنَّكَ كَادِحٌ إِلَى رَبِّكَ كَدْحًا فَمُلَاقِيهِ (6) فَأَمَّا مَنْ أُوتِيَ كِتَابَهُ بِيَمِينِهِ (7) فَسَوْفَ يُحَاسَبُ حِسَابًا يَسِيرًا (8) وَيَنْقَلِبُ إِلَى أَهْلِهِ مَسْرُورًا (9) وَأَمَّا مَنْ أُوتِيَ كِتَابَهُ وَرَاءَ ظَهْرِهِ (10) فَسَوْفَ يَدْعُو ثُبُورًا (11) وَيَصْلَى سَعِيرًا (12) إِنَّهُ كَانَ فِي أَهْلِهِ مَسْرُورًا (13) إِنَّهُ ظَنَّ أَنْ لَنْ يَحُورَ (14) بَلَى إِنَّ رَبَّهُ كَانَ بِهِ بَصِيرًا (15) فَلَا أُقْسِمُ بِالشَّفَقِ (16) وَاللَّيْلِ وَمَا وَسَقَ (17) وَالْقَمَرِ إِذَا اتَّسَقَ (18) لَتَرْكَبُنَّ طَبَقًا عَنْ طَبَقٍ (19) فَمَا لَهُمْ لَا يُؤْمِنُونَ (20) } [الانشقاق: 1 - 20]

Hiikkaan Isaa Akkana:

Waa’ee Guyyaa Kaafamaa ilaalchisee akkana jedha

“Guyyaa Samiin babbaqayxu(1). Rabbii isii uume caqaste,dhugaa isiiti ajaja Rabbii isii caqasuun(2). Gaafa Dacheen dhifamtee addaan baldhifamtu(3).  Waan garaa isii keessatti awwaalame ufirraa darbitee irraa qulqulloofte(4). Rabbii isii uume caqaste, dhugaa isiiti ajaja Rabbii isii caqasuun(5).  Yaa ilma namaa ati dalagaa tee oofutti jirta, dalagaa tee wajjiin gama Rabbii deemuu jirta, eega duutee dalagaa tee wajjiin fuulduree Rabbii dhaabbachuuf jirta(6). Namni Kitaaba dalagaa isaa harka mirgaatiin kenname(7), gaafii laaftuu gaafatamuuf taa’a(8) , haala gammadaa ta’een gara warra isaa kan jannataa deebi’a(9). Ammoo namni Kitaaba dalagaa isaa gama duubaatiin kenname(10), badii ufitti kadhata(11), ibidda seena(12), isatuu Duniyaa irratti gammachuudhaan warra isaa waliin ibaadaa Rabbii irraa dagamu tahe(13), eerga du’ee gama Rabbii kan hin deebine sehe(14), Dhugaa Rabbiin dalagaa isaa kan argu tahe(15), Diiminna yeroo Magriibaatti kakadhe(16), ammallee halkanii fi waan halkan ufkeessatti qabatutti kakadhe(17) Waggaa Jiini guddatee akkaan ifuutittis kakadhe(18), haala tokkorraa gama haala tokkootti dabartan(19), Maaliif Rabbitti amanuu dhabe ilmi namaa?!(20)”Suuraa Inshiqaaq 1-20

Guyyaa guyyaan kan dhalatuu fi kan du’u akkasumas bineensonnis haaluma ilma namaa fakkaatuun jijjiiramni du’aa fi jiruu isaan mudata. Rabbiin dandeettii isaatiin kana dalagu, kanaafuu, kan ajjeesusu kan jiraachisus isuma qofa. Ilmi namaa sammuudhaan xiinxallee yoo ilaale du’anii kaafamuun hedduu salphaa ta’a.

Rabbiin Oltahe akki jedhu:

}إِنَّا نَحْنُ نُحْيِي وَنُمِيتُ وَإِلَيْنَا الْمَصِيرُ (43) يَوْمَ تَشَقَّقُ الْأَرْضُ عَنْهُمْ سِرَاعًا ذَلِكَ حَشْرٌ عَلَيْنَا يَسِيرٌ } [ق: 43، 44]

 Hiikkaan  isaa:

Rabbiin Oltahe akkana jedha:

“Dhugumaan kan jiraachisus kan ajjeesus nuhi(43) Yeroo Dacheen babbaqayxu , ilmi namaa yerooma sanatti ariitiidhaan kaafamu, eerga du’anii walitti qabamanii kaafamuun Nurratti salphaa dha(44)” Jedha Rabbiin guddaan.Suuraa Qaaf

Dandeettiiwwan Rabbiin ilma namaa jiraachisee ajjeesuun gosa dandeettiiwwan Rabbii keessaa isa tokko. Rabbiin biqiltuuwwaniin dachee duutuu magarsee jiraachise, kan baay’nni isaanii miiliyoonotaan lakkaawaman haala dinqii taheen eerga biqilchee gossee dabamsiisee boodas kan uumuu dha. Kanaafuu, Rabbiin ilmaan namaa ajjeesee kaasuun kanuma fakkaata. Guyyaa Boodaas kaafamanii herreegamuun salphaa dha.

Rabbiin Oltahe fakkeenya gaarii ilmi namaa du’ee kaafamuu ilaalchisee akkana jedha:

}وَتَرَى الْأَرْضَ هَامِدَةً فَإِذَا أَنْزَلْنَا عَلَيْهَا الْمَاءَ اهْتَزَّتْ وَرَبَتْ وَأَنْبَتَتْ مِنْ كُلِّ زَوْجٍ بَهِيجٍ (5) ذَلِكَ بِأَنَّ اللَّهَ هُوَ الْحَقُّ وَأَنَّهُ يُحْيِ الْمَوْتَى وَأَنَّهُ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ (6) وَأَنَّ السَّاعَةَ آتِيَةٌ لَا رَيْبَ فِيهَا وَأَنَّ اللَّهَ يَبْعَثُ مَنْ فِي الْقُبُورِ} [الحج: 5- 7]

  Hiikkaan isaa:

“(Yaa ilma namaa), Dacheen biqiltoota irraa qullaa tahuu agarta, takkatuu  yoo Nuti bishaan roobaa irratti buufnu sosochootee, bobbokottee biqiltoota gosa adda addaa kan akkaan bareedumaan ija namaa hawatan magarsina(5) (dachee eerga goddee duwwaa taatee kan deebisee magarsu) Rabbii Haqaati, kan du’aa jiraachisu, Innii waan cufaa hunda irratti danda’aa dha(6) Ammas dhugamaan Guyyaan kaafamaa dhufuuf deema, kana keessa mamaan (shakkiin) tokkolleen hin jiru, Ammas dhugamaan Rabbiin nama qabrii keessa jiru cufaa ni kaasa” Suuraa Al-Hajji 5-7

Rabbiin dandeettii isaatiin sammuu warra hayyuu tahan hunda kan uumee dha. Rabbiin Hayyoota hundaa olii nama tola oole cufaaf mindaa isaanii ni kafalaaf, kan hammeenya dalageefis mindaa isaa ni laataafi. Namiifuu akkuma dalagaa isaatiin mindaa isaanii kennaafi. Fakkeenyaaf, Dura taa’aan tokko namoota wajjattoota isaa ta’aniif mindaa isaanii akka dalagaa isaaniitiin akkuma kennuuf Rabbiinis akkuma sana mindaa namiituu ni kennaafi jechuu dha.

Namni yaada dogongoraa kan ilmi namaa hunduu waluma qixa, kan tola dalagee fi kan hammeenya dalages waanuma tokko, hunduu mindaan isaanii osoo hin kennamneef hafa jedhee yaade; dogongora hammaataa ta’uu isaa hubanna. Bira dabree Rabbii isa uume kan madaala haqaatiin namiifuu jazaa (mindaa) kafalu garmalee daangaa itti dabre, amala Rabbii guddaa hin fakkaanne kenneef. Rabbiin waan uume hunda kan tasa uumee miti, wanti cuftuu kaayoo isaaf uumame qaba.

Yaada armaan olii ilaalchisee Rabbiin guddaa akkana jedha:

}أَفَحَسِبْتُمْ أَنَّمَا خَلَقْنَاكُمْ عَبَثًا وَأَنَّكُمْ إِلَيْنَا لَا تُرْجَعُونَ} [المؤمنون: 115]

Hiikkaan isaa akkana:

“Sila(Tarii) taphaaf isin uumne isinitti fakkaataa?! Ammas waan osoo gara Keenya hin deebine jettanii yaadduu?!”

Kanaafuu, uumamni keenya taphaaf kan uumamnee miti, boodas deebisaan keenyas garuma Rabbiiti jechuu dha

Ammas Rabbiin Qur’aana isaa keesatti ilmi namaa akka waan tasaatiif hin uumamin ilaalchisee akkana jedha

{وَمَا خَلَقْنَا السَّمَاءَ وَالْأَرْضَ وَمَا بَيْنَهُمَا بَاطِلًا ذَلِكَ ظَنُّ الَّذِينَ كَفَرُوا فَوَيْلٌ لِلَّذِينَ كَفَرُوا مِنَ النَّارِ (27) أَمْ نَجْعَلُ الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ كَالْمُفْسِدِينَ فِي الْأَرْضِ أَمْ نَجْعَلُ الْمُتَّقِينَ كَالْفُجَّارِ} [ص: 27، 28]

Hiikkaan isaa akka armaan gadii kana fakkaata:

“ Samii fi Dacheellee ammas wantoota edduu isaan lameenii jiran cufaayyuu taphaaf hin uumne,  Kan yaada akkana yaadu warra nu morme (warra kafare), warra nutti kafareef badiitu isaaniif jira, ammas ibidda izaabaattu isaanii jira(27). Sila (Tarii) warra amanee dalagaa gaggaarii dalage akka warra dachee keessatti hammeenya dalaguu wajjiin walqixa goonu isinitti fakkaa?! Nama Rabbiin sodaatuu fi nama akkaan hammataa waan tokko taasifnu isinitti fakkaataa?! Suuraa: Saad 27-28

Kanaafuu, Rabbiin namiiyyuu madaala haqaatiin isaan adda baasa jechuudha.

Ammas Rabbiin keenya akkana jedha:

{هَلْ جَزَاءُ الْإِحْسَانِ إِلَّا الْإِحْسَانُ} [الرحمن: 60]

“ Sila(tarii) mindaan tolaa tolumaa mitii?!”Suuraa Ar-Rahmaan:60

Hiikkaan kana namni waan gaarii dalage waanuma gaarii argata. Kun madaala haqaati.

Ammas Rabbiin akkana jedha:

}أَمْ حَسِبَ الَّذِينَ يَعْمَلُونَ السَّيِّئَاتِ أَنْ يَسْبِقُونَا سَاءَ مَا يَحْكُمُونَ} [العنكبوت: 4]

Hiikkaan isaa akka armaan gadii kana fakkaata:

“Sila (tarii) warri hammeenya dalagan Nujelaa hafuu yaadanii?! Waa hammaate murtiin isaanii!”Suuraa Al-Ankabuuti:4

Rabbiin Uumaa waan hundaati, Beekaa

Fakkeenyaaf:

Hayyu- Dureen dalagaa tokkoo waa’ee hojjattoota  isaa cufa kan galmeessuu fi kan badaa mishaa isaanii gargarbaasee, kan dalagaa isaa haala gaariin dalagus kan hin dalannes hundumaayyuu osoo isaan hin hirreegne yoo hafe; hayyuu fashalaayaa jedhamee waamam.

Kanaafuu, sammuu madaala haqaatiin yoo ilaalle namuu mindaa isaa akka sadrkaa isaatiin kan kennamuu dha. Yaada kana namni mirkaneesse haqa dhugaa kan Rabbiin gabroota isaa ykn uumama isaa cufarratti qabu kan galchee dha. Galmeen Rabbiin ilma namaa irratti taasisu booda mindaa isaanii haala haqaatiin kan isaanii galchuu dha.

Rabbiin guddaan akkana jedha:

{يَوْمَ يَبْعَثُهُمُ اللَّهُ جَمِيعًا فَيُنَبِّئُهُمْ بِمَا عَمِلُوا أَحْصَاهُ اللَّهُ وَنَسُوهُ وَاللَّهُ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ شَهِيدٌ (6) أَلَمْ تَرَ أَنَّ اللَّهَ يَعْلَمُ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ مَا يَكُونُ مِنْ نَجْوَى ثَلَاثَةٍ إِلَّا هُوَ رَابِعُهُمْ وَلَا خَمْسَةٍ إِلَّا هُوَ سَادِسُهُمْ وَلَا أَدْنَى مِنْ ذَلِكَ وَلَا أَكْثَرَ إِلَّا هُوَ مَعَهُمْ أَيْنَ مَا كَانُوا ثُمَّ يُنَبِّئُهُمْ بِمَا عَمِلُوا يَوْمَ الْقِيَامَةِ إِنَّ اللَّهَ بِكُلِّ شَيْءٍ عَلِيمٌ} [المجادلة: 6- 7 [ 

Hiikkaan isaa akka armaan gadii kana:

“Rabbiin Guyyaa isaan kaasu dalagaa isaanii cufumaa isaanii galmeessee jira, garuu; isaan waan dalagan dagatani, Rabbiin waan hunda irrattuu ragaa dha(6) Tarii hin beeynee akka Rabbiin waan samiiwwan keessa jiran cufa beeku, ammas wantoota dachii keessa jiran cufa beekaa akka tahe hin garree?!  Namni sadii yoo walgahe afraffaan Rabbi, ammas garee nama shanii yoo ta’anis jahaffaan Rabbi, kan laakkofsaan kanaa gadi ykn kanaa olillee yoo tahan eessattillee Rabbiin beekkomsaan isaan wajjiin tahu malee hin hafan. Rabbiin waan isaan dalagan cufa Guyyaa Qiyaamaa isaanii gabaasuuf jira. Dhugumaan Rabbiin waan hundaayyuu Beekaa dha” Suuraa Al-Mujaadilah

 

Rabbiin keenya akkana jedha:

{وَقَالَ الَّذِينَ كَفَرُوا لَا تَأْتِينَا السَّاعَةُ قُلْ بَلَى وَرَبِّي لَتَأْتِيَنَّكُمْ عَالِمِ الْغَيْبِ لَا يَعْزُبُ عَنْهُ مِثْقَالُ ذَرَّةٍ فِي السَّمَاوَاتِ وَلَا فِي الْأَرْضِ وَلَا أَصْغَرُ مِنْ ذَلِكَ وَلَا أَكْبَرُ إِلَّا فِي كِتَابٍ مُبِينٍ} [سبأ: 3]

  Hiikkaan isaa:

“Warroonni Rabbitti kafaran(morman) akkana jedhu; “Guyyaan Qiyaamaa hin dhufu” Yaa Ergamaa Koo akki jettuun: “Rabbii kiyyatti isiniif kakadhee Guyyaan Qiyaamaa isinitti ni dhufaa jedhiin, Samiiwwanii fi Dachee keessattillee wanti Rabbiin jelaa miliqee hafu hin jiru, osoo hanga madaala atamiillee taatee..Osoo wanta xiqqoo sanaa gadiillee taatee ykn sanaa oliillee taatee Rabbiin galmeessee jira kitaaba ifa galaa keessatti” Suurat Saba’a :3

Booddeen waan cufaatuu deebisaan garama Rabbiiti, kan uume isa waan ta’eef, Gooftaa uumaa hundaa waan ta’eef.

Guyya tokko sammuun ilma namaa hundi ifaan ifatti ragaa kana mirkaneeffachuuf jirt.

Rabbiin Oltahe akkana jedha:

}بَلْ قَالُوا مِثْلَ مَا قَالَ الْأَوَّلُونَ (81) قَالُوا أَإِذَا مِتْنَا وَكُنَّا تُرَابًا وَعِظَامًا أَإِنَّا لَمَبْعُوثُونَ (82) لَقَدْ وُعِدْنَا نَحْنُ وَآبَاؤُنَا هَذَا مِنْ قَبْلُ إِنْ هَذَا إِلَّا أَسَاطِيرُ الْأَوَّلِينَ (83) قُلْ لِمَنِ الْأَرْضُ وَمَنْ فِيهَا إِنْ كُنْتُمْ تَعْلَمُونَ (84) سَيَقُولُونَ لِلَّهِ قُلْ أَفَلَا تَذَكَّرُونَ } [المؤمنون: 81 - 85]

Hiikkaan isaa akka armaan gadii kana fakkaata:

“Akkuma warri isaan duraa jedhe isaanis jedhan(81)Yoo duunee lafeen keenya biyyee ta’e deebinee kaafamnaa? Jedhu(82)”Baallama Guyyaa Kaafamaa kana abboonni keenyaa fi nullee dhageenya , garuu; dubbiin kun kijiba warra duriiti” jedhu(83)(Mee yaa Ergamaa koo), “Dacheenii fi wanti cufti Dachee keessa jiran kan eenyuuti jedhii gaafadhuun, yoo kan beektan taatan naaf himaa jedhiin(84) Deebiin isaanii: Kanuma Rabbiiti jedhu, Tarii xiqqoma hin yaaddanii jedhii gaafadhuun” Suuraa Al-Mu’uminuun 81-85

Rabbiin Oltahe waa’ee mootummaa isaa ilaalchisee akkana jedha:

}لَهُ مُلْكُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَإِلَى اللَّهِ تُرْجَعُ الْأُمُورُ} [الحديد: 5]

Hiikkaan isaaakka armaan gadii kana:

“Mootummaan Samiiwwanii fi Dacheellee tanuma Rabbiiti, dhimmi hunduu garuma isaa deeffama” Suuraa Al-Hadiid:5

Tumsaan ykn Gooftaan ilma namaa Rabbuma qofa

Rabbiin kan waa hunda dhabama irraa argamsiise, kan ajjeesus kan jiraachisus Rabbuma qofa , Kan Samii fi Dachees uume, Kan hiree namaa fi bineensota biraatiifis hiru isuma qofa. Tasuma kan Rabbiin fakkaatu hin jiru. Kanaafuu, gooftummaa haqa kan godhatu Isuma qofa. Yoomillee deebisaan namiituu garuma isaati.

Rabbiin Oltahe akkana jedha:

{حَتَّى إِذَا جَاءَ أَحَدَكُمُ الْمَوْتُ تَوَفَّتْهُ رُسُلُنَا وَهُمْ لَا يُفَرِّطُونَ (61) ثُمَّ رُدُّوا إِلَى اللَّهِ مَوْلَاهُمُ الْحَقِّ أَلَا لَهُ الْحُكْمُ وَهُوَ أَسْرَعُ الْحَاسِبِينَ} [الأنعام: 61، 62]

  Hiikkaan isaa akka armaan gadii kana fakkaata:

“Tokkoon keessan yeroo duuti isaa geettu ergamtoota keenya itti ergina, isaan tasuma yeroo isaanii hin balleessan(61)Booda sanaa namuu karama Rabbii deebi’a, Gooftaa Haqaa kan tahe, Murtiin hunduu kanuma Rabbiiti, Rabbiin keenya herreega gochuudhaan namni isaa ol saffisu hin jiru” Suuraa Al-An-Aam 61-62

Gooftaa Uumaa kan tahe Rabbuma qofa, namuu deebisaan isaa garuma gooftaa uumaa isaaniiti. Rabbii uumamtoota hundaa. Qulqullinni kan isaati.

Ragaan kanaa Rabbiin Oltahe akkana jedha

}وَقَالُوا أَإِذَا ضَلَلْنَا فِي الْأَرْضِ أَإِنَّا لَفِي خَلْقٍ جَدِيدٍ بَلْ هُمْ بِلِقَاءِ رَبِّهِمْ كَافِرُونَ (10) قُلْ يَتَوَفَّاكُمْ مَلَكُ الْمَوْتِ الَّذِي وُكِّلَ بِكُمْ ثُمَّ إِلَى رَبِّكُمْ تُرْجَعُونَ} [السجدة: 10، 11]

Hiikkaan isaa:

“Dachee keessatti yoo bannee (duunee daaraa taane), deebinee uumaa haarawatti jijjiiramnaa?! Jedhan,.( Rabbiin Oltahe akkana jedha: “Dhugumaan isaan walga’ii Rabbii isaaniitti kafaranii (mormanii) jiru.”(10)( Yaa Ergamaa keenya akki jettuun:) “Tarii Malaa’ikaan ittigaafatamaan du’aa isin ajjeesaa hin jiruu?! Booda sanaa gara Rabbii (Gooftaa) keessanii deebifamaa hin jirtanii?! jedhiin” Suuraa As-sajadah: 10,11

}وَأَنَّ إِلَى رَبِّكَ الْمُنْتَهَى} [النجم: 42]

Hiikkaan isaa :

“Dhugumaan booddeen kee garuma Rabbii keetiiti.”Suuraa An-Najm:42

Kana jechuun namuu dhumti isaa garuma Rabbii jalqaba isa uumeetti deebi’a jechuudha

- { إِلَى رَبِّك يَوْمَئِذٍ الْمُسْتَقَرُّ} [القيامة: 12]

Hiikkaan isaa:

“Guyyaa Qiyaamaa (kaafamaa) qubannaan kee garuma Rabbii keetiiti.” Suuraa Al-Qiyaamah :12

- { إِنَّ إِلَى رَبِّكَ الرُّجْعَى} [العلق: 8]

Hiikkaan isaa akka armaan gadii kana:

“Dhugamaan deebisaan kee garuma Rabbii keetiiti.” Suuraa Al-Alaq :8

- {أَلَا إِنَّهُمْ فِي مِريَةٍ مِنْ لِقَاءِ رَبِّهِمْ} [فصلت: 54]

Hiikkaan isaa akka armaan gadii kana fakkaata:

Waa’ee ummata kaafiraa kan guyyaa booddee (Qiyaamaa) tti kafaranii ilaalchisee akkana jedha:

“Dhugamaan isaan Rabbii isaaniitiin walga’ii mamaa (shakkii) keessa jiru.” Suura Al-Fussilah :54

}إِنْ كُلُّ مَن فِي السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ إِلَّا آتِي الرَّحْمَنِ عَبْدًا } [مريم: 93]

Rabbiin Oltahe waa’ee ummata kaafiraa kan Rabbiin ilma godhate jedhu ilaalchisee akkana jedha:

“Samaawaattanii fi Dachee kessa kan jiran hunduu gabra Rabbii ta’anii dhufan malee hin hafan.” Maryam:93

Kana jechuun: namuu guyyaa kaafamaa gabricha Rabbii ta’ee dhufa jechuu dha. Eenyulleen taaytaa hin qabu. Ol’aantummaan hunduu kan Rabbiiti.

Ergamtootni Rabbii hunduu gabroota Rabbii ta’anii fuulduree Rabbiitti kaafamu, kan isaan uume Rabbii dandeettiin cuftuu harka isaa jirtu waan ta’eef. Kijibni (huffeen) ummanni kaafiraa Anbiyoota (Ergamtoota) Rabbii keessatti waan isaaniin hin malle jedhaniin cuftuu guyyaa kaafamaa ifa bahee namuu guyyaa san gabra Rabbii ta’ee fuulduree Rabbii dhaabbata (kaafama).

Rabbiin khaaliqni waan hundaa Murtii haqaatiin murteesse, Addunyaa Tanas bakka qormaataa godhee uumee jira.

Akkuma barsiisaan barataa tokko qormaatuuf yeroo fi bakka itti qormaatamu haala mijaawaa waliin qormaata isaaf malu isa qormaata. Kuni fakkeenya salphaa dha

Rabbiin Keenyas ilma namaa addunyaa tana keessatti qormaata godhuudhaan ilmi namaa qormaata adda adda keessa dabra. Kunis kan raawwatu ilmi namaa tokko umriin isaa nama gahaa yoo ta’ee dha.

Rabbiin Oltahe waa’ee addunyaa keessatti qormaata ilma namaa ilaalchisee akkana jedha:

كما قال سبحانه: {وَهُوَ الَّذِي جَعَلَكُمْ خَلَائِفَ الْأَرْضِ وَرَفَعَ بَعْضَكُمْ فَوْقَ بَعْضٍ دَرَجَاتٍ لِيَبْلُوَكُمْ فِي مَا آتَاكُمْ إِنَّ رَبَّكَ سَرِيعُ الْعِقَابِ وَإِنَّهُ لَغَفُورٌ رَحِيمٌ (165) } [الأنعام: 165]

 Hiikkaan isaa akka armaan gadii kana taha:

“Inni (Rabbiin ) kan Dachee keessatti bakka bu’oota isin godhee isin uumee dha, garii keessan garii olgodhee, waan isinii kenne keessatti sadarkaadhaan wal isin caalchisee isin uume. Dhugamaan Rabbiin kee (Yaa Muhaammad) adabbiidhaan hedduu saffisaa dha (nama isa dide adabuudhaan),  akkuma sana (nama isatti amaneef hedduu araaramaa fi garalaafaa dha.” Suuraa Al-An’aam 165

Qormaanni addunyaa tana irratti ilmi namaa qormaatamu yeroo muraasaaf  adeemsifama booda sanaa dalagaa isaa irratti mindaa galfamuu jira

Rabbiin Oltahe akkana jedha:

 

قال الله: {أَوَلَمْ يَتَفَكَّرُوا فِي أَنْفُسِهِمْ مَا خَلَقَ اللَّهُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ وَمَا بَيْنَهُمَا إِلَّا بِالْحَقِّ وَأَجَلٍ مُسَمًّى وَإِنَّ كَثِيرًا مِنَ النَّاسِ بِلِقَاءِ رَبِّهِمْ لَكَافِرُونَ} [الروم: 8]

Hiikkaan isaa akka armaan gadii kana fakkaata:

“Tarii ilmi namaa hin yaaduu?! Uumaa isaanii keessatti, Rabbiin Samiiwwanii fi Dacheellee wantoota isaan gidduu jiran cufa haqumaan (dhugaaf )uume malee waan birotiif hin uumne, uumamni kunis yeroo muraasaaf malee waa abadi hin taa’u; garuu ilmaan  namaa hedduun walgeettii Rabbiitti kafaranii jiru” Ar-Ruum :8

Qormaanni ilmi namaa qormaatamu hanga jiru, garuu; yoo guyyaan isaa geette du’e qormaannis dhumate jedhama.

Rabbiin Oltahe Qormaata (bu’aa  ba’ii ) ummatoota dabrani yoo dubbatu akkana jedha:

{ أَلَمْ يَرَوْا كَمْ أَهْلَكْنَا قَبْلَهُمْ مِنَ الْقُرُونِ أَنَّهُمْ إِلَيْهِمْ لَا يَرْجِعُونَ (31) وَإِنْ كُلٌّ لَمَّا جَمِيعٌ لَدَيْنَا مُحْضَرُونَ} [يس: 31، 32]

Hiikkaan isaa akka armaan gadii kana fakkaata:

“Hin garree(yaa ilma namaa)ummatoota jaarraawwan dabranii meeqaa meeqa halaakne( balleessine)?Gara keenya hin deebi’an isinitti fakkaataa?(31) Cufti isaanii gara keenya deebi’an malee hin hafani.”

Rabbiin Oltahe ilmaan namaa qormaata  isaanii dura wantoota mijjaawaa taasiseefii jira, akka haala gaariin qormaata isaanii dabrani. Fakkeenyaafi: Bishaan duumessaa fi burqaalee isaanii baasee jira, nyaatas akka isaanii malutti qopheesseefii jira, bineensota gosa gosaa uumuudhaan, mukkeen adda addaa  argamsiisuun, abaaboo adda addaa kan garmalee nama hawatan ilma namaatii qoheessee jira. Uumaawwan gurguddaa kan akka Aduu, Ji’aa fi pilaanetoota adda addaa uumuudhaan  Tibbaalee adda addaa akka ilmaan namaa yeroo isaaniitti fayyadamanii yeroo facaasaa isaaniis akka beekan Rabbiin ilmaan namaatii uumee jira. Akkasumas ilmaan namaa akka walhoranii baay’atan kan taasise, laggeen adda addaa fi galaanota isaan badhaase. Qilleensa isaanii uumuudhaan akka hafuura baafatan haala mijjesseefii uumee jira ….kanaa fi kan kana fakkaatanii dha. Kuni hunduu qormaataaf akka haala isaanii mijjeesuuf  taasifame….

Rabbiin Oltahe kabaja dhala namaatiif godhe ilaalchisee akkana jedha:

قال الله: {وَلَقَدْ كَرَّمْنَا بَنِي آدَمَ وَحَمَلْنَاهُمْ فِي الْبَرِّ وَالْبَحْرِ وَرَزَقْنَاهُمْ مِنَ الطَّيِّبَاتِ وَفَضَّلْنَاهُمْ عَلَى كَثِيرٍ مِمَّنْ خَلَقْنَا تَفْضِيلًا (70) يَوْمَ نَدْعُو كُلَّ أُنَاسٍ بِإِمَامِهِمْ فَمَنْ أُوتِيَ كِتَابَهُ بِيَمِينِهِ فَأُولَئِكَ يَقْرَءُونَ كِتَابَهُمْ وَلَا يُظْلَمُونَ فَتِيلًا (71) وَمَنْ كَانَ فِي هَذِهِ أَعْمَى فَهُوَ فِي الْآخِرَةِ أَعْمَى وَأَضَلُّ سَبِيلًا (72)} [الإسراء: 70 - 72]

Hiikkaan isaa akka armaan gadii kana fakkaata:

“Dhugamaan ilmaan Aadam kabajnee jirra, Lafa irraa fi Bahra keessattillee imala isaanii laaffisne, hiree (nyaata) gosa gaarii hunda isaanii hirre, uumamtoota cufa keessaa isaan fille(sadarkaa isaanii oltaasifne).(70) Yeroo ilma namaa Duree isaanii wajjiin yaamnu(yaadadhu) , namni kitaaba galmee dalagaa isaa harka mirgaatiin kenname kitaaba isaanii ni dubbisu, isaan hanga haada qalloo baqaqiinsa firee teemiraa keessatti kan argamuuyyuu hin miidhaman.(71)Namni addunyaa kana irratti jaamaa (jallataa) ta’e guyyaa boodaallee jaamaa ta’a. Nama karaa irraa bade ta’a” Al:Israa’a :70-72

 Rabbiin keenya ilmaan namaa kabaja addaa kenneefii jira , waan wantootni uumaman cufti hin argatin Rabbiin isaan badhaasee jira.

Kanaafuu namni ajaja Rabbii isaa ee jedhee itti dalage; Rabbiin keenya isaan gammachiisuu jira.

وقال: { وَلَقَدْ مَكَّنَّاكُمْ فِي الْأَرْضِ وَجَعَلْنَا لَكُمْ فِيهَا مَعَايِشَ} [الأعراف: 10]

Hiikkaan isaa akkana:

“Dhugamaan ilma namaatiif Dachee keessatti haala mijjeesineefii jirra, Dachee kana keessatti jiruu isaanii akka adeemsifatan goonee jirra.”Al-A’araaf :8

Walumaa galatti Rabbiin keenya haala cufa ilmaan namaatii karaa tolaa fi karaa hammaataas mijjeesseefii jira. Fakkeenyaaf, namni qabeenya isaa horachuu barbaades karaa qulqulluu danfa isaatiin horachuu ni danda’a, akkuma sana namni qabeenya karaa hamaa ta’een horachuu ni danda’a jechuudha. Kan akka nyaata gaarii nyaachuu fi nyaata badaa soorachuu fa’a. Fakkeeny biroos: meeshaalee adda addaa kan faaydaa namaa fidanii fi kan nama nama miidhan (kan akka meeshaa woraanaa fa’a)…kan biroos hedduu dha.

Rabbiin Oltahe akkana jedha:

كما قال سبحانه {كُلُّ نَفْسٍ ذَائِقَةُ الْمَوْتِ وَنَبْلُوكُمْ بِالشَّرِّ وَالْخَيْرِ فِتْنَةً وَإِلَيْنَا تُرْجَعُونَ} [الأنبياء: 35]

Hiikkaan isaa akka armaan gadii kana fakkaata:

“Lubbuun (Nabseen) hunduu du’a dhandhamuu jirti, toltuu fi hamtuudhaan isin qormaanna, deebisaan keessanis garuma keenya.” Suuraa Al-Anbiyaa’a:35

 

Booddee (Gulaalaa)

Walumaa galatti namni osoo ragaalee adda addaa osoo argu waa’ee kaafamaa mormu; nama yaada haqaa didu kan faallaa uumamaa fi sammuun nagahaa yaadduun ala nama jiraatu. Nama fedhii isaa kan aabjuu fakkaatuun nama jiraaatu Osoo dhugaa argu faallaa dhugaa kan deemee dha

Rabbiin kaaliqni waan hundaa dhabama irraa kan argamsiisee dha.

Uumaa garmalee gurguddaa kan ta’an kan uumee dha, ammas uumaa fakkeenya hin qabne kan uumee dha. Uumaa cimdii (gosa lama) kan ta’an ykn kormaa fi dhalaa gochuudhaan uumaa dinqii hunda kan uumee dha.Halkanii guyyaa kan uume, hirribas kan uume, jiruu fi u’as kan uume, biqiltoota gosa gosaa hunda kan uume, kan haala hunda uumee dha. Rabbiin Khaaliqni Hayyuu hayyootaa oliiti, Rabbiin Abbaa Murtiiti, Abbaa Seera Haqaati.

Rabbiin Khaaliqni nama toltuu dalageef mindaa gaarii kan kafaluu dha, akkuma sana nama hammeenya dalageefis akkaataa dalagaa isaatiin kan haluu bahuu dha. Rabbiin Khaaliqni Abbaa dandeettiiti, Kan Garmalee nama adabuudha(qitaatuu dha),Oltahaa kan ta’e, Dandahaa, kan dandeettiin isaa eenyuuyyuu oliiti. Kan namuu jalaa hin bane, kan namuu isaa gadii, eenyullee saffaa isaa kan gahu hin jiru….

Rabbiin Dhagahaa dha, Argaa dha,Ragaa bahaa dha, Beekaa dha, Garalaafaa dha, Kan dhokatee fi kan muldhate hunda kan beekuu dha, Gooftaan Dhugaa dha, Ifaa dha………

Booddeen hunduu kan Isaati, namuu gara isaa kan deeffamuu dha, Abbaa waan hundaa dhuunfatuu dha, gonkuma kan isa fakkaatu hin jiru, kan dalagaa keenya hunda arguu fi dhagahuu dha. Isatuu qophaa isaa samiiwwanii fi Dachee kan uumee dha, kan shallaga isaanii hunda uumee dha, kan hiree namiituu Harka Isaa jiruu dha. Kan uumaa hunda gosa gosaan dachee keessatti baldhisee  uumee dha. Irkoon namiituu Rabbuma kan gara Isaa namuu deeffamu, Mootii mootota hundaa kan tahe, Gooftaa aalama hundaa kan tahee dha.

Rabbiin kan wantoota cufaa madaala isaanii eegee kan uumuu dha..

Namni Guyyaa Kaafamaa mormu hunduu nama Rabbii isaa akka waan Inni dandeettii hin qabneetti laalee dha. Fakkeenyaaf, amala dadhabbii kan Rabbiin hin qabne akka waan inni jalqaba uumee kaasuu hin dandeenyetti waan laalae fakkaata. Akka nama wallaalaattis waan laale fakkaata, maaliif yoo jenne, Rabbiin waan cufaa taphaaf kan uumee miti. Isaan garuu guyyaa kaafamaatti amanuu dhabuun isaanii akka waan Rabbiin uumaa kana taphaaf uumee godhaniiru. Murtiin haqaa kan Rabbii ta’uu wajjiin isaan immoo akka waan Rabbiin nama tola oolee mindaa hin kafalleetti waan laalan fakkaata. Nama badii dalages badii isaa irratti osoo adabbii hin arganne waan hafu isaanitti fakkaata…Rabbiin keenya garuu Abbaa Haqaati, eenyuufuu mindaa kafaluuf deema, kan badiis akka badii isaatiin ni adabama..kana jechuun hunduu kaafamanii mindaan akka dalagaa isaaniitti kafalamaaf..

Rabbiin waan uume hundaa kan dhuunfatuu dha, garuu, namni guyyaa kaafamaatti hin amanne akka waan uumaan kun hundi kan Rabbii hin taaneetti nama laalee dha. Gabbartiinis kanuma isaati hunduu gara Gabbaramaa isaa osoo hin deebifamne hin hafu, Kan hordofamuu qabu Isa gabbartii haqa godhatuu dha

Walumaa galatti namuu gara isaa deebifamu malee hin hafu!!

Kan Haasofne kun hunduu barreeffama gabaabaa kan ragaalee guyyaa kaafamaa kan mirkaneessanii dha.