Ragaaleewwan Muraasa  Nabi Muhammad  [SAW] Ergamaa Rabbii Tahuu isaa


Namni Seenaa Ergamaa Rabbii (NRIH) Qoratu karaa afuriin (4) Ragaaleewwan Nabi Muhammad Ergamaa Rabbii Tahuu isaanii ibsan ilaaluu dandaha:

1ffaan- Seenaan Isaanii [SAW] seenaa fakkaataa hin qabne, Kan gosa adda ta’een jiruu isaanii guutuu seenaan isaanii galmeessee dha

. Nabiyyiin keenna[SAW] haala isaanii gaggaarii saniin beekkaman. Ammas dhugaa dubbatuu fi amaanaa (yaboo) tikfatuun beekkaman. Haga warri Makkaa jajjabaa waan han dhuunfatanii irratti isa amanan takka, waan haalan isa amananiif jecha, gooftittiin warra makkaa Kadiijaa binti kuweeylid daldala isii guutuu 'akka isaan tooyatan isaanitti' irkiftee dhiifte . Maalif yoojettan waan isaan amaanaa /yaboo tiiysaniif jecha, ammas waan isaan dalagaa beekaniif jecha, ammas waan namni' isaan jaalatuuf jecha akkas goote. Rabbi' isirraa haa jaalatuu ammas ergamaan Rabbii [SAW] sammuun isaanii sammuu nama maraatii oltahuufii dhugumaan beekkaman, ammas seenaa isaanii irraa nama warri makkaa marti isaanii yeroo Beeytii (Ka’baa) ijaaranii' eennutu dhagaa Hajaral Aswad jedhamu jaarmaya Beeytii keessa kaaya jechurratti wal dhaban mala isaan lafa kaayan fudhaturratti walii galanii malli sun balaa lolaa jidduu isaa nitii dhabamsiise tokko. Ammas warrii seenaa galmeessan marri isaaniituu namni isaan waliin jiraate kan isaanis waliin jiraatan warra Makkaa  irraa inumaa warruma ergama isaanii waakkaturrallee namni tokkos kakijibaan yooki ganuun yooki maraa tumaan isaan bir'atehin jiru jechurratti walii galanii jiru. inuumaa deebin isaanii akkuma Rabbiin isaan ergeen warra Makkaa mara isaanituu gaara Safaa biratti walitti qabanii mee waa isin gaafadhaa naa himaa osoo warri fardoon deemu laga Makkaa kana keessaa dafxama /dingata /dimmaa isinitti ori'uu heddi osoo isiniin jedhee nadhugoomsituu jedheenii gaafannaan marri isaanituu sagalee isaanii olqabatanii ee sidhugoomsina jedhaniin. Tanadura kijiba sitti hin agarre. allaahu akbar akkanatti ragaa isaanii bahan.

Ammo jiruun isaanii eega Rabbi isaan erge booda guddinna isaanitiif adda tahu isaanitiif tokko tahuu isaanii irratti qajeelchiti. Nama arjaa tahanii jiraataa turan akkuma san nama haala garii qabuturan Sahaaban isaanii jaalala jabaa isaan jaalatan, hanga lubbuu ufiitifii horii isaanitilleen isa bitan takka. Jiruun isaanii jiddu galeettima. san keessattuu duniyarraa dhimma takkallee hinqaban.irraa gabaabbatanii jiraatan.

Maarree mallattoowwan tuni namni seenaa isaanii tana dhagahee dubbise seenan tuni gama isaanitti amanuutitti isaan dhugoomsuutti isa geessiti jennee abdii goona .

2ffaan -  Xiyyeeffannaan isaa yaaminsa gama Rabbiititti yaamudha.

Ergaa Rabbi gama namaatitti geessi isaan jedhee isa erge kanarraa wanni inni itti xiyyeeffate yeroma inni gama Rabiititti yaamuu jalqabe irraa'olfuu dhamtuu chaaltuu taatee mul’attee . xiyyeefannaan isaa goddoo tahurraa ormi isaa mootii sigoona jennaan dide. ammas irra caalaa keenna sigoona horoosii kenninee jennaan isaan harkatti dide ammas irra bareeda dubartii Arabaa sitti fuuna jedhaniinii kana maraa harkatti didee ani kanamaraa hin barbaaduu wanni ani barbaadu Amantii Islaamaa nama maratti geessudha jechuu isaanii ibse ammas adeemsi isaanii xiyyeefannaan isaanii guddaa tahurratti ragaa guddaadha. Ammas naamusni isaanitii fi dalagaan isaanillee [SAW]yeroo nama gara amntii islaamaatitti waaman akkuma san egaa Rabbi isaanii mijjeessellee Makkaafii Madiinaa keessattillee akkuma san Jaziiraa Arabaa keessaa fi moggaa Aalamaa mara keessattuu isaan akka nama mootummaa hin barbaannee tahan irratti ragaadha .Isaan Ergamaa Rabbiiti . Kunoo kuni Adiyyi ilma Haatim gosa warra xayyii kiristaanarraayyi osoo hin ama nin dura yeroon kun yeroo jalqaba Rasuulan wal argan irraahii akkana jeedha haala gaarii isaan irraa argee yoo nuuhimu akkana jedha “Gara mana ufiinaan deemaa osomaa jiruu tasuma (dafxama) jaartin guddoon takka itti dhuftee akka isaan waliin dhaabbatan barbaaddee achumaa yeroo dheeraa waliin dhaabbatanii dhimma ufii itti haasofte . akkana jedha jadha adiyyi: “lubbuu kiyya keessatti wallaahi namni kuni mootii miti dhugaa isaati mootin yoom akkanatti namaan haasawa”.

Ammas seenan hin dagatu ijjannoo isaa kan inni warra isa kijibsiisee qabu . Inumaa kan inni warra As-haabaa (Hordoftoota) isaa cinqanii isallee ajjeesuf yaalii godhanii qabu akkumasan kan inni warra isaan lolee isajalaa nama beey'ee ajjeesee isas biyyaa isa baasee qabu taarikni (seenan) hin irraanfatu .kuunnoo ijjannoo isaanii kan isaan ummataa qaban laaluu yoo barbaaddan (beekuu) yoo barbaaddan gaafa lola Makkaa warra akkasitti biyyaa isa baasee isaan lolee sahaabaa isaa jalaa fixe injifatanii jennaan akkana jeedhanii: “Ar'an tana ani waan maal isinitti dalagu isinitti fakkaata?” jedhaniin ykn  “waan maal isin godhu isinitti fakkaataa?” jedhanii gaafannaan akkana jedhanii warri Qureeyshaa,  “Ati obboleessa keenna gaaridha ilma obbolessa keenna gaariiti” jedhaniin.Yeroo kanas laalaamee eeguma injifatee harkan isaan gahate deemaa isin bilisaa gadi isin dhiifnee! Ergamaan Rabbii [SAW] akkuma haal isaanii garaa itti laafan subhaanallaah! ee uumaa isaanii rabbiin ol aanee toche .

Ammas isa biraa mee waan inni ittii ergamee kana haalaalluu mee Qur'aana kana haalaalluu .Dhagaa qur'aanni Ergamaa Rabbiititti (SAW) buufamee jira Qr'aanni kun kamu'jizaan isaa guddaa taatee (kan waan Qur'aana kana fakkaatu namni fiduu dadhabee) jechuudhaa .

Qr'aanni kun gama baay'een nama dadhabsiise (Qormaata)

A –Gama haasawaatii fi gama haasofni isaa walfakkaatutti (walitti diramee dubbifamuutitti) akkuma walaloo fakkeeffamee jechuu dhaa ammas gama jechi isaa hiikkaa isaa irratti  qajeelchuu keessatti waan amma dubbannee kana mara isaatu yeroo warra isaanii kan akkaan haasawa Arabaa beeku biratti laallee ifa namaa gala sunis warri Arabaa kuni akkaan cocollee tahuma waliin Rabbiin ol’aanee mee waa akka Qur'aanaa kana fidaa isaanin jedhee namni tokkollee fiduu dadhabe warri isaanii cocollee tahufii ammas Nabi muhammadii [SAW ] jibbuma waliinuu Qur'aanni kun (Qur'aana kana keessa fokkinna akkanaattu isa keessatti hin  argine namni tokkollee hin jenne

Eega seenaa isaa [SAW] beeynee amma mee waan inni dhufeen haa laalluu :.

Wanni inni dhufeen Qur'aan, Qur'aanni gara hedduun nama dadhabsiisee( Qormaatee) jira:

A – Gama jecha Quru'aanatiin, ammas gama walfakkaatuu isaatin, gama bareeduma isaatin wanni amma jenne kun kan mulatu yoo ummata isaanii kan akkaan cocollee tahan akkaan haasawa Arabaa beekan san yaadanne qofa beekuu dandeenna isaan ummata cocollee tahuu fi Amantii kana jibbuu waliinuu namni tokkollee Qur'aana kana eeybessuu (Busheessuu) hin dandeennee,  ammas kanatti aansun Nabi Muhammad[ SAW] nama waadubbisuu beekumiti ammas nama waa katabuu beekuu miti jechaa  yoo beeynehoo namni akkanaa kuni Qur'aanaa akkanatti nama dadhabsiisu kan fiduun isaa irra caalaa waan inni Ergamaa Rabbii tahuu isaa ragaa bahuuti .Irracaalan wanti Qur'aanni nama mara Qureeyshirraa qabee haga Qiyaaman (Kaafamni) dhaabattutti inni namaa dadhabsiisee jecha Rabbi ol’aanee mee fakkaataa Qur'aanaa kana fidaa yookiin garimaa yookii Aayatuma takka jedheenii fiduu dadhabuu isaaniti . ammastaatuu hagaguyyaa Qiyaamatittuu fakkaataa Qur'aana kanaa namni tokkollee fiduu hin dandahu .

B –ammallee Qur'aanni kuni gama waan namarraa fagootahe himuun dadhabsiisaa (qormaataa) tahe jira:

Fakkeennaf seenaa Nabiyyootaa odeessaa nageenni Rabbi isaanii fi Nabiyyii keennarrallee hajiraatuu ummanni yahuudaa yeroo Qur'aanni waan Nabiyyii isaanitti ergame  Nabi Muusaa irraa haasayu ni dhageeffatan kanuma waliinuu namni tokkos isaan keessaa wanni Qur'aanni dubbatu kuni kijiba kajedhe hin jiru. asitti wanni nuti yaadachiifu Nabi Muhammad [SAW] kan Qur'aana kana himu kuni nama akka garaa haadhaatii baheen jiru Rabbiin olaanee akkana jedha

: {وَمَا كُنتَ تَتْلُو مِن قَبْلِهِ مِن كِتَابٍ وَلَا تَخُطُّهُ بِيَمِينِكَ إِذاً لَّارْتَابَ الْمُبْطِلُونَ}[ سورة العنكبوت الآية : 48 ]

Hiikkan isaa: “ Yaa ergamaa kiyya Muhammad ati Ani si erguun dura kawaan barreeffame dubbiftu hin taanee, kaharka keetiin waa barreesitullee hin taane, osoo ati nama akkasii taatee silaa warri dharaa sishakkaa [suuraa al ankabuut aayaa 48]

Ammas ummata akka garaa haadhatii bahaniin jirutti ergame kawaa katabuu hin beeynee kawaan katabames dubbisuu hin beeyne rabbiin olaanee akkana jeedha .

بعث في قوم أميين لا يقرؤون ولا يكتبون ،قال تعالى : {هُوَ الَّذِي بَعَثَ فِي الْأُمِّيِّينَ رَسُولاً مِّنْهُمْ يَتْلُوعَلَيْهِمْ آيَاتِهِ وَيُزَكِّيهِمْ وَيُعَلِّمُهُمُ الْكِتَابَ وَالْحِكْمَةَ وَإِن كَانُوا مِن قَبْلُ لَفِي ضَلَالٍ مُّبِينٍ}[ سورة الجمعة الآية : 2

Hiikkan isaa akkana: “Rabbiin keenna isa ergesani warroota akka garaa haadhatii bayaniin jiranitti ergamaa erge aayaata isaa kan isaanirratti qara'uu kan shirkirraa isan qulqulleessu ammas kan Qur'aana fii Hadiisaa isaan barsiisu isaan inni isaanitti dhufuu kana dura isaanitti ergamuu kana duraa jallinna ifa gala keessa jiran” [suuratul jumu'aa aayaataa 2]

Nabi Muhammad takkuu Makka keessaa bahee hin beeku guyaa 2 malee (yeroo lama malee) yeroo tokkoo abbeeraa (adeera) isaa Abii Xaalib waliin gara biyya shaam bahe yeroosan inni ujoollee xiqqaadha bakka dhiirri gahuu hin geenne yeroosanis abbeeraa isaatin adda osoo hin bahin makkatti deebi’ee ammas yeroo biraa Meeysaraa nama jedhamu waliin daldalaafii gama biyya shaam bahee gaafaa kana umriin isaa bara diigdamii wahi yeroo kana nama haala isaa mara (hunda) beeku waliin bahee ,yeroma takkallee Aalima(Beekaa) yahuudatii fi Aalimaa (Beekaa) kiristaanatilleen walgahanii hin beekan akkuma san kabiraatilleen wal gahee hin beeku namni Buheeraa jedhamullee yeroo isaan arge beekee jennaan fira isaatin akkagara makkaa deebi’an ajajee Yahuudan yoo argitee hin ajjeefti jedhe sodaatef Buheeyran kuni Aalimaa kiristaanati tanuma Rasuula arge beekee waan duraan eennummaan namakanaa kitaaba isaanii keessatti isa bira jiruuf jecha nama kanarrallee waan takkalee hin baranne Rabbiin ol’aanee yoo ergamaa isaatirraa akka namni tokkollee isa waahin barsiisin isaan irraa deebisu akkana jedha:

{وَلَقَدْ نَعْلَمُ أَنَّهُمْ يَقُولُونَ إِنَّمَا يُعَلِّمُهُ بَشَرٌ لِّسَانُ الَّذِي يُلْحِدُونَ إِلَيْهِ أَعْجَمِيٌّ وَهَـذَا لِسَانٌ عَرَبِيٌّ مُّبِينٌ}[ سورة النحل 103].

Hiikkan isaa akkana :”Yaa Ergamma kiyya Muhammad dhugaa nuti hin beeyna mushrikkan Makkaa nijedhan kaisa barsiisu nama jedhan namtichi isaan isa barsiisa jeedhanee gama isaatitti irkisan suni afaan isaa ajama (Afaan arabaan kan hintaane) Qur'aanni kuni immoo Arabaa qulqulluudha [suuratul Nahli aayata 103] aayata tana keessa warra Nabi Muhammadiin [SAW] namatu barsiisa jedhu kijibsiisutu keessa jira

Ammas beekuma keenna waliinii qur'aana kana keessa yahuudarrattis akkanumatti deebisaa garii wan isaan jijjiiranii keessatti akka Nabi iisaan[Iisaa] fannifamee jechuufaa,  ammas kagariin isaanii rabbi isaaan jedhuu fa’a, akka gariin immoo falfalaa isaan jedhufaa, .akkuma kan Nabi Suleeymaaninis falfalaadha isaan kan jedhan fa’a, kan birallee waanni kana fakkaatu baay’etu jira akka inni isaan irraa waan takkallee hin fudhatin kan ibsu ammasa seenaa Nabiyyootaa ibsuu keessattii waan kitaaba tana dura dabre Toowraatii fi Injiil keessa hin jirreetu jira fakkeennaa akkaa oduu Nabi Huud fa’a, akka oduu Nabi saalih fa’a, akka oduu Nabi Shu’eeybii fa’a jaramales kan biraa baayetu jira ammas Qur'aana keessa waan eega Qiyaaman dhaabatte namni tahu keessattis fakkeennaaf akka Jannataa fi Azaabni jiru himuu keessatti waan Toowraatii fi Injiil keessa hin jirreetu jira

Ammas waan fagoo kan  inni hime irraa akka Abuu Lahab abbeeran Ergamaa Rabbi hin amanuu kaafiruma tahee du'a jeedhee himuu fa’a, yeroo kana namni kuni hin duunee ima jira kanuma waliinuu isaa numaa kijibsiisuu jedhee hin amanne .silaa osoo inni amanee Qur'aanni hin kijiba jedhan garuu subahaanahuuwataaalaa! akkuma Rabbi jedhetti kaafiruma tahee du'e .

Ammas kabiraa yoo Qur'aanni warri Ruumii kan amma warri faransaa injifatekun deebi anii warra Fursii kana injifatan jedhu dhagahe warra Makkaa kanatti warra Fursiiti fi warra Rum kana eegaa turan akkuma Qur'aanni himesan warri Ruum sun injifatanii dhugaan Qur'aana sun ifa baatee .

C- Ammas gama qur'aanni kuni gariin isaa garii fakkaatutiin kan murtiin isaa tokko tahuutinis gariin isaa garii dhugoomsunis Mu'ujizaa guddatu isa keessa jira rabbiin olaanee akkana jedha

:{أَفَلاَ يَتَدَبَّرُونَ الْقُرْآنَ وَلَوْ كَانَ مِنْ عِندِ غَيْرِ اللّهِ لَوَجَدُواْ فِيهِ اخْتِلاَفاً كَثِيراً}[ سورة النساء الآية : 82].

hiikkan isaa akkana: “Sila Qur'aana kana hin xinxallanii osoo nama biraa irraa taatee silaa waldhabbii gudda isa keessatti argan ture[ suuratul anni saa'a aayataa 82]

D – ammas Mu'ujizaa Qur'aanaa irraa humna guddaa qalbii namaatifii onnee namaa seenun qabaatuu isaatii . akki munni itti onnee seenuu akka xiyyi waan itti darban seentutti seenaa ammas akka aduun yoo dukkanatti duftee dukkana kana tooyannaa jala olchititti nama isa caqafatee tooyanna jala oolcha kama isinii himne kana nama waabarate mitii namni waa hin baratinis yoo Qur'aana akana dhageeffate Qur'aanni kuni kan ufitti isabutu ufargee qura'aanni kun aka haasawa namaa hin tahin isaaf ifagalaa . mee fakkeenna isinii haakennuu Waliid Ibnul Mugiiraa abbeeraa Abuu jahlii katahe gaafa tokkoo qur'aana ergamaa Rabbitirraa dhagahee [SAW] gosa isaatiin akkana jedhe: “amman tana Muhammadirraa haasawa namaatii fi hasawa jinnillee kantahin dhagahe jedhe haasawasanii mi'atu jira namatti mi'aawa jechuudha ammalle haasawa saniif bareedumsatu jira jedheen gubbaan isaa hin fireessa jalli isaa hin mi’aayaa waan isaagadii hin caccabsaa inni oltaha wanni tokkollee isaa olhitahu” jedhee raga bahee namnikuni nama akkamalee Ergamaa Rabbi jibbuu irraa tokko akkuma jibbu saniin du'ee hin amanne.

F –Mu'ujizaa Qur'aana irraa ammas mallattoo guddoo warra Qur'aanatii mulattesanisunis maali yoojettan Qur'aana kana hordofanii waan inni itti ajaju tti dalaganii waan inni irraa dhoowwurraa dhoowwamanii dubbisa isaatifii hiikkaa isaatittillee yaaddahanii isaan Rabbi ufii gabbaran dachii kana keessatti Rabbiin ol’aanee Kabajamaa  isaan godhee Qur'aana kanaan isaan olfuudhe Qur'aana kana dura jallatoo, wallaaloo, injifatamoo katuran Rabbiin Qur'aana kanaan isaan olfuudhee Ol’aantota isaan godhe .

J – Irra caalaa/irragudduu Mu'ujizaa Qur'aanaa irraa waan namarraa fagoo tahee kan akka Rabbitti amanuu, akka guyyaa boodaatitti amnuu, akka ergamtootatti amanuu, akka kitaabban Rabbiititti amanuu ragaa Aqliitin(sammuutin) sabachiisuu (raggaasisuu) isaati kan ragaa san namni tokkollee didu hin dandahin isi fudhatuu malee .

Garabiraatin gama amantii inni itti nama waamu tana yoo laalle amanitiin inni itti nama yaamutuni amantii waahedduun addabaatee

 

  1. haqa /dhugaa dalaguun miidhaa dhabamsiisun san irra kadura ittiin jalqabee akka namtichi lubbu ufii hin mine!!.

 

  1. amantiin islaamaa haqanamaa teeysun dhufte . ammas akka inni lubbuu 'ufiitifii dhiiga isaairratti ufamanuu dandahu akkumasan horoo isaatifii warra isaa irratti ufamanuudandahu akkuma san samuu isaanitiifii bilisummaa isaairratti ufamanuudandahu isaaf taasifte .

 

  1. Ammas waan isiin adda baateen irra jiruu ilmanamaa keesatti wammummaan tokkollee isiijala hin hafne, amas akkaan namarratti waamara laafiffiti isii keessa garaa walii laafutu jira, ammas waljaalatutuu jira walbooharutuu jira, akka namni haala gaarii mulisu ajajji maalif yoosan namnillee isajaalatee innillee namajaalat gaafa san marruu jiruu gaarii jiraata .

 

  1. Waan isaan gara walii laaffisuun dhufte, suni maali yoojettan dureessi hiyyeessaaf dadhabaa hajamaa garaa laafa huroo 'isaatirra waan beekkamaa kennuun akkuma san haadhaf abbaan ilmaan isaanitirra haqaqaban ammas ollaan olarraa haqaqaba ammas firi firarraa haqaqaba. Kuni marruu waan akka isaan garaa walii laafutti isaan kaasu .

 

  1. Ammas Amantii Islaama keessatti wanni namni ittiin wal caalu yoo jiraatee Rabbiin sodaatuu qofaan kuni waan jiruu ilmanamaa namaa tolchurraa tokko wanni ilmanamaa kabaju, kan isa olfuudhu, sodama Rabbiiti kana keessatti dureessaa fi hiyyeessillee tokkoma .

 

  1. Amantiin islaama akka namni baratee barsiisu akkuma san akka inni waan ufii jaalatu namaafis jaalau isa ajajji .

 

  1. Ammas Amantiin Islaamaa siqaa(ragga'iinsa) lubbuu namaa keessatti uumti .Sammuu isaatii fi yaada isaatifii qama isaallee tokko gootee akka inni waan tokko qofa yaadu isa gootii . Wanni sun maal yoo naanjettan jaalala Rabbi qofa akka inni argatuu barbaaduu isa gooti Amantii Islaam keessa madaalee dinqii tahetu jira, madaallin kun waangammachuu nama muslima tahee ibsurraa isa tokko, kuni isin maraafuu ifaajee yaada namni Rabbitt amane jaalala Rabbiitii ol wanni tokkollee akka isa biratti hin jaalatamne namni Rabbitti amanee marruu hin beeka .

 

 Namni Amantii Islaamaa kana qabateef/ fudhateef/ jaalateef Nabi Muhammadittis[SAW]amaneef akka isaan erga nama Rabbii tahan ragaabaheef keessuttuu Arabni kan kana dura kitaaba wahii hin beeyne kanama akkanaatu isinii ergamuu heda ajechuun gammachuun isaan bita hin jirree akka Yahudaa fi Kiristaanaa jechuu kiyya, Mallattoowwan akka ergamaan Rabbi dhugaa dubbatu kamallattoon sun inni ergamaa Rabbii tahuu muldhiftu waan arganiifi akkumasan warra eega isaan du'an harkawarra isaan hordofee irratti amanu yoo laaltan inumaa kan yeroo sanii 'irra caalaa tahee argame sababani isallee waan warra isaan hordoffi kanarraa haala gaarii arganiifi akkuma san amantii kana keessattis laafinna waan arganiifii

 

Afraffaan irraa mulatuu Mu'ujizaa ijaan arganii argamtee irraa kan Rasuulli ittiin dhufan irraa akka Baatiin (Jiini)  dhooyuufii  fa’a,  ammas nyaanni xiqqaan heddumeefamuufii fa’a, ammas bishaan quba isaanii jalaa madduufii fa’a, ammas gudeelchi muka Timiraa isaanii booyuu fa’a dha. Dhagaan isaan irratti salaammatuu faa mukni 'isaanf walittidhi yaatuufaa kana malesa baayetujira kawarri beekkomsaqabu waan mallattoo akka inni ergama rabbitahe irratti qajeelchitu jedhanii walttiqaban keessa.baayetujira ichi deebi'aalaalladhaa .rabbiin olaane akkana jedha

 

{يَا أَيُّهَا النَّاسُ قَدْ جَاءكُمُ الرَّسُولُ بِالْحَقِّ مِن رَّبِّكُمْ فَآمِنُواْ خَيْراً لَّكُمْوَإِن تَكْفُرُواْ فَإِنَّ لِلَّهِ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَالأَرْضِ وَكَانَ اللّهُ عَلِيماً حَكِيماً}

[ سورة النساء الآية: 170 ].

Hiikkan isaa akkana:

Yaa ilmanamaa dhugaa Ergamaan isinitti dhufee jira dhugaa Rabbii kessan irraa isa dhugoomsaa santu irra isinii jiraa yoodiddanii kafartan wanni samaawaata turban keessa jiruu fi  wanti dachii keessajirus hunduu kan Rabbiitii. Rabbiin beekaadha, ogeesas waan mara bakka isiin maltu kaayaa [suuratulnnisaa'a170] akkana jechuun Rabbii keennaa yoodiddanillee harka kiyyaa hin baatanii ufumaa miidhamtan jeechuu isaatii subhaanahuuwataaalaa! nama isa didu Rabbi nungodhinii  aamin Yaa Rabbalaalamiin .